“Islamofnee Gara Kiristanummaatti Haa Deebinu!”

“Islamofnee Gara Kiristanummaatti Haa Deebinu!”
🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴
Ahmaddin Jabaliin
💥💥💥💥💥💥💥

Qajeelfama amantii Islaamaa qo’achuu, amala gaarii Muslimootaa fi seenaa Ergamaa Rabbii (S.A.W) dinqisiifachuun, namoonni miliyonaan lakkaawaman waggaa wagaan Islaamummaa fudhatu.

Faallaa kanaatiin immoo, utuu garaadhaa qajeelfama Islaamaatti hin amaniin, kaayyoo dhokataa adda addaatiif jecha “Muslima taaneerra, galleerra, amanneerra” kanneen jedhan jiru. Qur’aanni har’a qofa osoo hin taane, yeroo sanatti bara Ergamaan Rabbii (S.A.W) jiranittis osoo isaanitti hin amaniin “Amanneerra” kanneen jedhan seenaa isaanii ni dubbata. Garaadhaa osoo hin taane arraba qofaan amanuu isaanii kan ibsu, garee kana “Munaafiqoota” (fakkeessitoota) jechuun farrajee akkasitti ibsa:

إِذَا جَآءَكَ ٱلۡمُنَٰفِقُونَ قَالُواْ نَشۡهَدُ إِنَّكَ لَرَسُولُ ٱللَّهِۗ وَٱللَّهُ يَعۡلَمُ إِنَّكَ لَرَسُولُهُۥ وَٱللَّهُ يَشۡهَدُ إِنَّ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ لَكَٰذِبُونَ. سورة المنافقون (63:1)

“Munaafiqoonni yeroo sitti dhufan “ati Ergamaa Rabbii ta’uu kee ragaa baana” jedhu. Dhugumatti Rabbiin ati Ergamaa isaa ta’uu ni beeka. Munaafiqoonni kijibdoota ta’uu Rabbiin ragaa ba’a.” (Al-Munaafiquun 63:1)

Boqonnaa biraa keessatillee, adeemsi maqaa amantiitiin godhamu kun kaayyoon isaa inni guddaan gowwoomsuu ta’uu isaa ibsuun akkas jedha:

وَمِنَ ٱلنَّاسِ مَن يَقُولُ ءَامَنَّا بِٱللَّهِ وَبِٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ وَمَا هُم بِمُؤۡمِنِينَ. يُخَٰدِعُونَ ٱللَّهَ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَمَا يَخۡدَعُونَ إِلَّآ أَنفُسَهُمۡ وَمَا يَشۡعُرُونَ. فِي قُلُوبِهِم مَّرَضٞ فَزَادَهُمُ ٱللَّهُ مَرَضٗاۖ وَلَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمُۢ بِمَا كَانُواْ يَكۡذِبُونَ
“Namoota irraa nama ‘Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanne’ jedhutu jira. ammoo isaan warra amanee miti.

Rabbiifi warra amanan gowwoomsan [isaanitti fakkaata]; garuu lubbuu isaanii malee homaa hin gowwoom sanu. ammoo hinbeekan. Onneewwan isaanii keessa dhukkuba [shakkiifi nifaaqaatu] jira. Rabbiinis dhukkuba isaaniif dabale. Waan kijibaa turaniif jechas adabbii laalessaa ta’etu isaaniif jira.

Onneewwan isaanii keessa dhukkuba [shakkiifi nifaaqaatu] jira. Rabbiinis dhukkuba isaaniif dabale. Waan kijibaa turaniif jechas adabbii laalessaa ta’etu isaaniif jira.” (Al-Baqarah 2:8-10)

Aayatoonni kun akkuma nu hubachiisan, namoonni utuu Islaamummaaf hin bulin “Muslima” jechuun Muslimootatti makamuun gochi dabalee fi shiriin kun seenaa durii kan qabu ta’uusaati. Itti aansuun immoo “Kaayyof jecha Islaamofte” ykn faayidaa fi shiriif jecha amantii fakkeessuudhaaf taasifamu ni ilaalla.

Kaayyoo Hamaaf Islaamahuu

Qajeelfamni rabbummaa Qur’aana Qulqulluu seenaawwan qofa gabaasuu bira dabree, amala dhala namaa, shira dhokataa fi waraana xiinsammuu ifatti kan agarsiisan foddaawwan bara baraati.

Kanneen keessaa gochi Suuratul Aali-Imraan aayata 72 irratti ibsame, dionni amantii hawaasa Islaamaa keessaa diiguuf toftaa baay’ee xaxamaa isaan fayyadaman saaxila baasa. Rabbiin Qur’aana Isaa keessatti akkas jedha:

وَقَالَت طَّآئِفَةٞ مِّنۡ أَهۡلِ ٱلۡكِتَٰبِ ءَامِنُواْ بِٱلَّذِيٓ أُنزِلَ عَلَى ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَجۡهَ ٱلنَّهَارِ وَٱكۡفُرُوٓاْ ءَاخِرَهُۥ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ— سورة آل عمران (3:72)

“Gareen warra kitaabaa irraa taate ni jette: “jalqaba guyyaa isa warra amanan irratti buufametti (qur’aanatti) amanaa. dhuma guyyaa immoo itti kafaraa. Akka isaan [Islaama] irraa deebi’aniif jecha .” (Aali-Imraan 3:72)

Itti aansun “Islamofnee Haa kafarru” warra jedhuu toftaa, shira kanaa, seenaa isaa, dhiibbaa xiinsammuu fi hiika innj bara kana keessa qabu gadi fageenyaan xiinxala.

  1. Duubbee Seenaa fi Warra Shira Jalqaban

Akkuma hayyoonni gurguddoon tafsiira Qur’aanaa (kanneen akka Ibn Kathiir, Qurxubii fi Xabarii) ibsanitti; shira kana kan xaxan beektota Yahuudaa (Ahlul Kitaab) yeroo sanatti Madiinaa keessa turan keessaa muraasa. Namoonni kun beekumsa kitaabota dhufeenyaa durii waan qabaniif, namni dhuunfaa adeemsa isaanii akka ragaa guddaatti ilaaluuf qophaa’aa ture.

Muslimoota gootummaa fi waraana mul’ataatiin mo’achuu akka hin dandeenye yeroo hubatan, waraana xiinsammuu guutummaatti tooftaa fi icciitii qabu banuuf murteessan.

  1. Sadarkaa Toftichaa Sadanii

Toftaan shiraa kun sadarkaa qindaa’aa sadii armaan gadii irratti hundaa’ee ture:

A. Islaamummaa Sobaa Labsuu (“Jalqaba guyyaatiin amanaa”)

Namoonni hawaasicha biratti “beektota kitaaba dhufeenyaa durii beekan” jedhamanii ilaalaman kun, jalqaba guyyaatiin (ganama) gara Ergamaa Rabbii (S.A.W) dhufuun

“Islaamummaan amantii dhugaa ta’uusaa mirkaneessineerra” jechuun fakkeessanii Islaamummaa ifatti fudhatu. Kun beekumsa fi amanamummaa isaan Islaamummaa irratti qaban ijaarrachuuf toftaa isaan fayyadaman ture.

B . Karooraan Ganuu («Dhuma Irratti Ganan»)

Yeroo dhihi ykn guyyoota muraasa erga turanii booda, ifatti Amantii Islaamaa dhiisuun ganu. Sababa isaanii yeroo facasisanis:

«Nuti dhimma kana (kitaabicha), Amanticha qorannee dhugaa nutti fakkaatee ture; garuu keessa gallee yoo ilaallu, rakkina, hir’ina baay’ee, wal-dhahiinsa fi dogoggora kitaabota dursaanii wajjin wal hin simne keessatti arganne. Akka alaa ilaalamu miti» kan jedhu piropaagaandaa sobaa babal’isu.

C. Kaayyoo Guddaa (“Akka isaan deebi’aniif”)

Kaayyoon guddaan shira kanaa Muslimoota haaraa Islaamummaa seenaan ykn warra amantiin isaanii hin jabaatin akkasumas warra qalbin isaani gara Islaamaatti harkifamee onnee isaanii keessatti shakkii facaasuu ture. Hawaasa biratti ilaalchi akka kanaa uumamu fedhan:

Beektonni kitaaba gadi fageenyaan beekan kun seenanii battalumaan yoo bahan, dhugumayyuu amantichaa keessatti rakkoo guddaa argan jechuudha; kanaaf nuyis yoo baane wayya”kan jedhu miiroo xiinsammuu raasuu uumuu ture.

  1. Dhiibbaa Xiinsammuu Shira Kanaa
    ✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅

Gowwoomsaan toftaa kanaa kallattiidhaan garee namoota lamaa irratti xiyyeeffata:

A) Warra amantiin isaanii dadhabaa ta’an
📶 📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶
Namoota haaraa Islaama seenaanii fi beekumsaa fi jabinna gahaa hin qabne onnee isaanii jeequun “Osoo beektonni kun iyyuu kafaranii nuyi maaliin beeknee dhaabbanna?” miiroo shakkii facaasuu fi amanticha salphisuu.

B) Warra shakkii keessa jiran:
💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥

Namoota gara Islaamummaatti seenuuf hiraaraa jiran kellaa itti cufuun gara duubaatti akka deebi’an gochuu.

  1. Shoora Eegumsa Rabbii fi Fashilaa’uu shira jaraa
    🎈🎈🎈🎈🎈🎈🎈🎈🎈🎈🎈🎈🎈🎈🎈🎈

Saffisni keeyyanni kun itti bu’ee fi adeemsi inni iccitii dhokataa saaxile kun dinqisifamummaa fi eegumsa Rabbii kan Qur’aanaa argisiisa.

Hammeenyi raawwattoonni karoora kana kan baafatan iccitii guddaan ture; garuu Allah kiyyoon isaanii hojiirra ooluun dura ykn bu’aa hawaasummaa bal’aa fiduun dura karaa Qur’aanaatiin iccitii isaanii ifa godhe.

Deebiin Rabbii kun, kiyyoon sun hordoftoota amantii Islaamaa (Muuslimoota) biratti shakkii uumuu mannaa, caalaatti ragaa dhugaa ta’uu Qur’aanaa fi nabiyyummaa (S.A.W) kan mirkaneesse ta’ee akka darbu taasiseera. Muuslimonnis dammaqinni isaanii dursee akka ol ka’uu fi amantii isaanii irratti caalaatti akka jabaatan gargaareera.

  1. Walitti Hidhamiinsa Ammayyaa

Toftaan “Islamofnee Haa Ganu” jedhamu kun seenaa keessatti qofa kan hafe osoo hin taane, har’as addunyaa ammayyaa keessatti bifa adda addaatiin (keessattuu miidiyaa fi piropaagandaadhaan) hojiirra oolaa jira.

Ilaalcha, amantii ykn dhaabbata tokko diiguuf, namoota “keessa turan”, “miseensota durii” ykn “beektota” jedhaman faayidaadhaan bitanii, dhaabbaticha keessa gallaanii akka qo’atanii fi hir’ina akka irratti argan fakkeessanii labsuun, har’as bal’inaan waraana xiinsammuu hojjetamu dha.

Walumaagalatti aayanni Qur’aanaa kun dhugaa bu’uuraa nu barsiisu yoo jiraate: Amantii fi dhugaan kan safaraman nama seenuu fi ba’uun (ykn amala namoota jijjiiramuun) osoo hin taane, jabinna dhugichaa, jabinna keessoo fi qulqullina ragaa irratti hundaa’uu qaba. Aayanni kun toftaa shiraa dionni amantii fayyadaman hubachuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu fi hanga har’aattis dammaqinsa guddaa kan kennu qajeelfama rabbummaati.

Islaamahuu jaraatti Dhaadachuu Fedhu

Namoonni dhugumaan Islaamummaa garaadhaa fudhatan gonkumaa miidiyaa fi ajandaa ta’uu hin barbaadan; Islaamummaa osoo hin baratin dura gara waltajjii fi maayiki raafoonii qabachuutti hin ariifatan. Kana mannaa, jireenya isaanii beekumsaan, ibaadaa fi naamusaan ijaaruu irratti xiyyeeffatu.

Beekumsi isaanii kan isaan ijaaru qofa akka ta’ee fi ammas hedduun akka isaan hafu ni hubatu. Kanaafuu, maayikii qabachuuf osoo hin taane, Qur’aana barachuuf ariifatu. Imaama fuldura taa’anii barachuuf malee, gara mimbara imaamaatti ol bahuuf hin jarjaran.

Warri kaayyoodhaaf dhufan garuu turtiin isaanii gabaabaadha, gochi isaaniis piropaagaandaa ifaa fi iyya sagalee jabaadhaan kan deeggaramee dha. Diinii beekuu fi barachuuf fedhii hin agarsiisan. Waa’ee Islaamuu isaanii naanna’anii dubbachuuf malee, taa’anii Islaamummaa barachuuf yeroo hin qaban. Madrasaa (mana barumsaa amantii) seenanii barachuu irraa baqachaa, “Madrasaa akkan banuuf cinaa koonaa dhaabbadhaa na gargaaraa” yoo jedhan dhagahamuu danda’u.

Islaamummaa isaaniitiin, akka nama dukkana keessaa baheetti of ilaaluu mannaa, muslimootaaf galata akka waan oolaniitti ofi ilaalu.

Dhugaadha, nama gara diinii keenyaatti dhufe gargaaruu fi jabeessuun sirrii dha, garuu Muslima ta’uu isaanii akka galataatti kan ilaalan yoo ta’e, tokkoffaa waan tokkoollee hin hubanne, yookiin immoo isaan ofii isaaniitiif Muslima ta’uu irra, hawaasni Muslimaa faayidaa tokko akka argatetti yaadu.

Namni tokko dhugumaan garaadhaa Islaamummaa yoo fudhate, Muslima ta’uu isaatiin eenyurrattiyyuu of tuuluu ykn akka galata ooleetti lakkaa’uu hin qabu. Yoo Muslimas ta’e ofumaafi. Yoo kafarees miidhaan isaa ofuma irratti malee eenyurrattiyyuu miti.

Namoonni tokko tokko Muslima ta’uu isaanii Ergamaa Keenya (S.A.W) irratti of jajuuf/oolmaa godhanii lakkaa’uuf fedhanii turan. Allah’nis (S.W) Ergamaa Rabbii (S.A.W) “Narratti hin jajinaa” (galata hin himatinaa)akka jedhaniif ajajuun dhimmicha akkasitti ibsa.

يَمُنُّونَ عَلَيۡكَ أَنۡ أَسۡلَمُواْۖ قُل لَّا تَمُنُّواْ عَلَيَّ إِسۡلَٰمَكُمۖ بَلِ ٱللَّهُ يَمُنُّ عَلَيۡكُمۡ أَنۡ هَدَىٰكُمۡ لِلۡإِيمَٰنِ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
— سورة الحجرات (49:17)
“Islaamawuu isaaniitiin sirratti galata himatu “Islaamummaa keessaniin ana irratti galata hin himatinaa, Rabbiin waan imaanatti isin qajeelcheef isin irratti galata himata” jedhiin. Yoo warra dhugaa taatan (kan galata himatu Rabbi tahuu beekaa).” (Al-Hujuraat 49:17)

Nama dhugaadhaan muslima ta’e galanni guddaan isaaf oollu inni dura islaamumaa sirritti akka baratu gargaarudha. Akkasumaas Sababa islaama ta’uu isaatiin yoo dhibbaan irra jiraatte gara maraan gargaaranni imaana irratti akka cimu gochudha.

Rakkina maalaqaas yoo qabaatee gargaarun kan karaa godhamees warra zakaa fudhatu keessaa tokko kan taasifamees dhibba dinagdee sababa islaamahu isaattin irra qaqabu yoo jiraatte qolachufi. Rabbin warra dhugaan Islaamummaa fudhatu imaana irratti hacimsu. Warra kaayyof islaamahu akka adda baafnu nuhgargaaru. Aamin.

Ustaaz Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል irraa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *