Seenaa Hormuuz fi Kaalid Ibnu Waliid

“Seenaa Hormuuz fi Kaalid Ibnu Waliid”

Seenaa Bishaan Hormuuz keessatti dhokatee jiru ni beektuu? Iddoon har’a diinagdee addunyaaf furtuu ta’e kun, kanaan dura iddoo gootummaan Kaalid Ibnu Waliid itti mul’ate dha!

Bishaan Hormuuz (Strait of Hormuz) har’a ujummoo dhiiga diinagdee addunyaa fi giddu-gala geopolitikaa ta’us, seenaan isaa dhiiga goototaa fi kuffifama impaayeroota gurguddaa waliin wal-qabata. Maqaan “Hormuuz” jedhamu madda lama irraa akka dhufe seenaan ni addeessa. Inni jalqabaa, amantii Peershiyaa durii keessatti maqaa goota isaanii “Ahura Mazda” ykn “Hormuuzd” jedhamu irraa dhufe. Inni lammataa ammoo, naannoo bishaan sanaatti mootota gurguddoo “Hormoz” jedhamantu bulchaa ture! haaluma kanaan, maqaan sun akka waan biyya moototaa ykn madda kabajamaa jedhuutti fudhatama!

Bara 633, baroota “Futuhuul Islaam” (Babal’ina Islaamaa) keessa, Khaliifaan jalqabaa Abuu Bakar As-Siddiiq (R.A), goota addunyaa Kaalid ibnu Waliid (Saayifullaah) gara kutaalee bahaatti akka duulu ajaje. yeroo sana naannoon Hormuuz harka Impaayera Faaris (Persia) jala turte. Bulchaan naannoo sanaa nama hammeenyaa fi boonaa ta’uun beekamu, “Hormuuzd” jedhama ture. Hormuuzd hogganaa amantii Zoroastrianism jedhamu yeroo sanaa yoo ta’u, garmalee of tuulaa fi humna waraana isaa qofatti kan amanamu ture.

Waraanni lamaan bakka “Kaazimaa” jedhamutti wal ga’an. Hormuuzd ija-jabummaa Kaalid sodaachuu isaarraa kan ka’e mala tokko qopheesse, waraana isaa keessaa gootota 10 filatee, “yeroo ani Kaalid waliin duula dhuunfaa (tokkoof tokko) taane wal-loluu jalqabnu, isin gidduutti dhuftanii Kaalidiin kuffistu” jedhee itti hime! kun agarsiiftuu dandeettii dhabuu bulchitoota yeroo sanaa ture! haa ta’u male, Kaalid Ibnu Waliid bilchina waraanaa fi ija-jabummaa ajaa’ibaa qaba ture!

Akkuma duulli dhuunfaan Kaalid fi Hormuuzd gidduutti jalqabameen, namoonni 10n sun Kaaliditti garagalanii isa kuffisuuf yeroo jedhan, namni biraa Kaalid waliin jiru tokko Qa’iqaa Ibnu Amrii jedhamu dhufee Kaalidiin gargaare! yeruma sana Kaalid injifannoo cululuqaa Hormuuzd irratti galmeesse; kanumaan waraanni Peershiyaas goota isaanii dhabuun ni bittinnaa’an. Inni kun jalqaba olaantummaa impaayera guddicha Peershiyaa raasuu fi banama balbala amantii Islaamaa gara bahaatti ture!

Kaalid bulchaa naannoo sanaa kan ture Hormuuzdiin waraana Kaazimaa irratti erga mo’atee humni impaayera Peershiyaa naannoo bahaatti jabaatee ture raafame! Injifannoon kun madda diinagdee fi daldala bishaanii naannoo sanaa harka Musliimotaatti akka galu gochuun, amantiin Islaamaa karaa bahaa gara kutaalee daldalaa fi magaalaalee gurguddoo Peershiyaatti akka babal’atu riqicha ta’e!

​Seenaa kana Ustaaz Raayyaa Abbaamacca Manzuumaa isaanii 15ffaa keessatti, “ሆርሙዝድ የሚባል ሰው ነው ጦሩን የምመረዉ–Kaalid injifatee adeeme fuulduraa” jechuun dubbataniiru. “Hormuuzd kan jedhamu, namicha hogganaa waraana Peershiyaa kan harka Kaalid Ibnul Waliiditti kufe sanadha!

Bara Kaalid ibnu Waliid duula babal’insa Islaamaa gaggeesse sanatti, Impaayerri Peershiyaa humna addunyaa raasuun beekamu ture. Impaayerri kun har’a yoo madaalamu biyyoota sadii keessatti babal’atee kan ture yoo ta’u, wiirtuu ishee Iraan fi Iraaq dabalatee, biyyoota daldala bishaaniif furtuu ta’an kanneen akka Kuweet, Omaan, Baahireen, Qataar fi UAE of jala qabdi turte!

​Gama kaaba-bahaatiin Afgaanistaan hanga Azerbaajaanitti kan babal’attu Impaayerri kun, naannoo bishaan Hormuuz isa har’a dhiiga diinagdee addunyaa ta’e kana madda kabaja ishee godhattee turte. bakki kun iddoo waraanni seena-qabeessi “Kazimaa” itti gaggeeffame yoo ta’u, seenaa humna guddaa fi babal’insa lafaa yeroo sanaa kan mul’isudha.

Kaalid Iraaq keessatti injifannoo cululuqaa erga galmeessee booda, ajajni biraa gara Sooriyaa akka deemu itti dhufe! lafa Saharaa bishaan hin qabne keessa karaa gabaabaa garuu sodaachisaa ta’e imalee guyyaa 5 keessatti Sooriyaa ga’uun, injifannoo Yarmuuk irratti Roomaa injifachuun seenaa addunyaa jijjiire!

Egaan..Hormuuz yeroo ammaa iddoo ijoo fi madda diinagdee addunyaati. bobaa’aan addunyaa harki guddaan hulaa kanaan darba.​ Injifannoon Kaalid Ibnul Waliid naannoo sanatti galmeesse, jijjiirama seenaa fi diinagdee kutaalee bahaa keessatti iddoo guddaa qaba. kunis daldallii fi qunnamtiin naannichaa haala haaraa akka qabatu bu’uura ta’eera.
*Seenaa kana barnoota seenaaf kanan dhiyeessedha! yoo dubbiftan part 2 isaa isiniifan dhiyeessa!

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *