Iyyasuus Gonkumaa waaqaa miti!

Iyyasuus Gonkumaa waaqaa miti!

Kiristaanonni hedduun Iyyasuus waaqayyoodha, aangoo waaqummaa argateera jedhanii amanu. Garuu barsiifini kiristaanotaa fi macaafa qulqulluu dhimma kana irratti tokkoo miti. Garaagarummaa guddaa qabu. Mee amma qabxii tokko tokkoon waan mafaafni kallattiidhaan dubbate haa ilaalluu, hawaasa keenya kanas ilaalcha dogoongoraa kana irraa haa baraarruu.

Ragaalee Macaafa Qulqulluu Irraa (Kakuu Haaraa)

  1. Waaqayyo Tokkicha fi Iyyasuus Ergamicha Ta’uu Isaa!
    Iyyasuus ofii isaatii kadhannaasaa irratti Waaqa isa dhugaa fi ofii isaa gargar basee ibseera:
      • wangeela Yohannis 17:3 “Ati Waaqa isa dhugaa isa tokkicha, Iyyasuus Kiristoos isa ati ergites akka beekaniif jireenyi bara baraa kana.”
      • Iyyasuus asitti Abbaan kophaa isaa “Waaqa isa dhugaa tokkicha” ta’uu isaa fi inni immoo “Ergamaa” isaa ta’uu ifatti ibsee jira.

      2. Beekumsa Daanga’aa Qabaachuu!

        • wangeela Maarqos 13:32 “Guyyaa sana yookaan sa’atichis ergaa mootummaa Waaqayyoo keessaa malee, illee, Abbaa malee ergamoonni waaqaa yookaan ilmi iyyuu hin beekan.”
        • Ilmi (Iyyasuus) beekumsa daanga’aa akka qabu fi guyyicha Abbaa qofatu akka beeku dubbachuun isaa dandeettii Waaqummaa guutuu akka hin qabne agarsiisa.

        3. Abbaan Iyyasuusiin Akka Caalu!
        Sillaaseen “Abbaa, Ilmaa fi Afaan Qulqulluun walqixxeedha” jedhee barsiisa, garuu Iyyasuus akkas hin jenne:

          • wangeela Yohannis 14:28 “…Abbaan koo na caala.”
          • Waaqa ol’aanaa jalatti namni ykn uumamni tokko ol-ta’uu hin danda’u. Iyyasuus Abbaan akka isa caalu dubbachuun wal-qixxummaa jiru fashaleessa.

          4. Kadhannaa Gara Waaqaatti Dhiyeessuu!
          Waaqni eenyuuniyyuu hin kadhatu, kadhatamaan durumaan Waaqa. Iyyasuus garuu yeroo baay’ee ni kadhata ture:

            • wangeela Luqaas 22:42 “Yaa Abbaa, fedha kee yoo ta’e, xoofee kana narraa dabarsi; garuu fedha koo osoo hin taane kan kee haa ta’u.”
            • Fedha lama (fedha Iyyasuus fi fedha Abbaa) gargar jiraachuu fi Iyyasuus fedha Abbaatiif bitamuu isaa mul’isa.

            5. Dadhabina fi Amaloota Namummaa Agarsiisuu!
            Waaqayyo isa dhugaan hin dadhabu, hin beela’u, hin dheebotu:

              • wangeela Yohannis 4:6 (Dadhabuu isaa), Maatewos 21:18 (Beela’uu isaa), Yohannis 19:28 (“Nan dheebodhe” jedhee dubbachuu isaa).
              • Amaloonni kun hundinuu amala nama coomaa fi dhiigaa kan daanga’e agarsiisu malee amala Waaqayyo isa danda’aa hundumaa (Isaayaas 40:28 – Waaqayyo hin dadhabu) hin agarsiisan.

              6. Waaqa Ofii Isaatii Qabaachuu!
              Iyyasuus erga du’aa ka’ee boodallee Waaqa isaa akka qabu nuu ibsa:

                • wangeela Yohannis 20:17 “Ani gara Abbaa kootii fi Abbaa keessaniitti, gara Waaqa kootii fi Waaqa keessaniitti nan ol baha.”
                • Waaqni Waaqa biraa hin qabu. Iyyasuus Abbaadhaan “Waaqa koo” jedhee waamuun isaa garaagarummaa isaan gidduu jiru ifa godha.

                7. Ofiin Homaa Gochuu Dadhabuu!
                Waan hundumaa danda’uun amala Waaqummaati. Iyyasuus garuu humna isaa kan argate Waaqa biraa ta’uu ibsee jira:

                  • wangeela Yohannis 5:30 “Ani ofiin homaa gochuu hin danda’u; akkuman dhaga’utti nan murteessa…”
                  • Humna isaa guutuu kan argate kennaa Waaqa Abbaa irraa akka ta’e ifatti dubbateera.

                  8. Du’uu fi Humna Biraatiin Ka’uu Isaa!
                  Waaqayyo hin du’u (1 Ximootewos 6:16 – Inni du’a hin dhandhamne). Iyyasuus garuu ni du’e, humna Abbaatiinis ka’e:

                    • Hojii Ergamootaa 2:32 “Iyyasuusii kana Waaqayyo du’aa kaaseera…”
                    • Iyyasuus ofii isaatii du’a jalaa of oolchuu ykn of kaasuu akka hin dandeenye, kana gochuufis humni Waaqayyoo akka isa gargaare caqasni kun ni mirkaneessa.
                    1. Uumama Keessaa Isa Tokko Ta’uu Isaa!

                    Iyyasuus uumaa osoo hin taane uumama keessaa isa jalqabaa ta’uutu ibsame:
                    •Qolosaayis 1:15 “Inni fakkii Waaqayyoo isa ijaan hin argamnee ti, uumama hundumaafis angafa”

                    • Caqasni kun Iyyasuus fakkii Waaqayyoo malee Waaqa isa jalqabaa akka hin taanee fi uumama hundumaaf angafa ta’uu isaa agarsiisa.

                    2. Mootummaa Isaa Abbaaf Dabsee Kennuu Isaa!
                    Dhuma addunyaa irratti gaheen Iyyasuus akka namoota kaanii Abbaaf bitamuu ta’a:

                      • 1 Qorontos 15:28 “Wanti hundinuu harka ifa isaa jala erga galee booda, Ilmi ofii isaatii immoo isa wanta hundumaa harka isaa jala galcheef abboomamaa ni ta’a…”
                      • Kunis xumura irratti guutummaatti humni Mootummaa Waaqayyo Abbaa qofa harka akka jiru mirkaneessa.

                      Ragaalee Kitaabota fi Qorannoo Hayyoota Addunyaa Irraa


                      Hayyoonni addunyaa waa’ee iyyasuus kiristoos maal jedhan;

                      1. Sir Isaak Newton (Kitaaba: An Historical Account of Two Notable Corruptions of Scripture)

                          • Hayyuun saayinsii fi tiyooloojii beekamaan Sir Isaak Newton qorannoo isaa keessatti, caqasoonni Sillaasee deeggaruuf Kakuu Haaraa keessatti dabalataan barreeffaman (Fakkeenyaaf: 1 Yohannis 5:7 “Three Heavenly Witnesses”) booda namootaan kan jallifame ta’uu mirkaneessera. Newtown Iyyasuus Waaqa osoo hin taane Ergamaa Waaqayyoo amala namaa guutuu qabu jedhee amana ture.

                          2. Bart D. Ehrman (Kitaaba: How Jesus Became God)

                            • Hayyuun seenaa fi Kakuu Haaraa beekamaan Profeesar Bart Ehrman kitaaba isaa keessatti, Iyyasuus inni seenaa keessaa (Historical Jesus) ofii isaa akka Waaqayyootti of hin beeksifne fi hin lallabne ragaa dhiyeessa. Guddinni ilaalcha “Iyyasuus Waaqa” jedhuu suuta suuta dhiibbaa falsafaa dhaloota boodaa fi aadaa Giriik-Roomiin kan dhufe ta’uu seenaan ni mirkaneessa.

                            3. John Locke (Kitaaba: The Reasonableness of Christianity)

                              • Filosoofin guddichi Ingilaand John Locke barruulee isaa keessatti, mormii amantii Kiristaanummaa irratti ka’u deebisuuf, Iyyasuus “Masiih” ykn Ergamicha Waaqayyo biraa gara dacheetti dhufe malee, “Waaqa isaan tokko” jedhanii ibsuun dhimma sammuu namaatiin kan hin liqimsamne fi barruu Macaafa Qulqulluu irratti hundee kan hin qabne ta’uu ibseera.

                              4. Thomas Jefferson (Kitaaba: The Jefferson Bible)

                                • Pireezidantii fi beekamaan Ameerikaa Thomas Jefferson Kakuu Haaraa irraa dogoggoroota seenaa fi dubbii fannoo irratti barreeffaman addan baasee “The Life and Morals of Jesus of Nazareth” (The Jefferson Bible) xumure. Inni Iyyasuusin akka barsiisaa naamusa guddichaa malee, amala Waaqummaa uumama olii akka hin qabne dhiyeesseera.

                                5. The Encyclopedia Britannica (Seenaa fi Guddina Dogma Amantii)

                                  • The Encyclopedia Britannica irratti dhimma Sillaasee (Trinitarian dogma) yoo ibsu: “Yaadni sillaasee fi Iyyasuus Waaqa jedhu Kakuu Haaraa keessatti ifatti hin dhiyaanne. Murteen kun kan labsame dhiibbaa siyaasaa Mootii Qosxantinosiin booda Gumii Niqiyaa (Council of Nicaea, AD 325) irratti falmii waggoota baay’ee booda dha.”

                                  Gaaffilee kiristaanonni ammaa deebisuu dirqama qaban:-

                                  1. Yoo Iyyasuus Kiristoos ofii isaa wangeela yuhaannis 17:3 keessatti Abbaa “Waaqa isa dhugaa tokkicha” jedhee ofii isaa immoo “kan ergame” jedhe, akkamitti Iyyasuus mataan isaa Waaqa isa tokkicha ta’uu danda’a?
                                  2. Yoo Gospel of Mark 13:32 keessatti guyyaa dhumaa akka hin beekne dubbate, beekumsi isaa guutuu akka Waaqaatti akkamitti ibsama?
                                  3. Yoo Gospel of John 14:28 keessatti “Abbaan koo na caala” jedhe, kun walqixxummaa guutuu Abbaa fi Ilmaa akkamitti deeggara?
                                  4. Maaliif Iyyasuus yeroo baay’ee gara Abbaatti kadhata ture, yoo inni ofii isaa Waaqa ta’e?
                                  5. Yoo Iyyasuus “Waaqa koo” jedhee Abbaa waame (Yohannis 20:17), Waaqa tokkoo ol jira jechuu moo, Abbaa qofatu Waaqa isaa ta’a jechuu?
                                  6. Yoo Iyyasuus “Ani ofiin homaa gochuu hin danda’u” jedhe (Yohannis 5:30), kun humna isaa ofii irraa moo Abbaa irraa akka ta’e hin agarsiisuu?
                                  7. Yoo Waaqayyo hin duune ta’e, Iyyasuus du’uu isaa akkamitti ibsitu?
                                  8. Yaadni Sillaasee Macaafa Qulqulluu keessatti jecha ifaatiin eessatti ibsame? Caqasa sirriitti “Waaqni sadii tokko” jedhu agarsiisu ni jiraa?
                                  9. Yoo hayyoonni seenaa fi qorannoo Macaafa Qulqulluu keessaa tokko tokko yaadni “Iyyasuus Waaqa” jedhu guddina seenaa keessa kan dagaage jedhan, kana irratti maal jettu?
                                  10. Rakkoo kana irratti mariin keenya Macaafa Qulqulluu qofa irratti hundaa’uu qaba moo, murtii gumiiwwan amantii fi hiika boodarra kenname illee irratti hundoofna?

                                  Dubbistee hubachuuf Gootummaa si gaafata!

                                  Qooheesaaan :Xaahir Galatoo

                                  Leave a Comment

                                  Your email address will not be published. Required fields are marked *