Shirkii Islaamummaa Keessatti

Shirkii || الشرك

SHIRKIIN MAALI ?

Shirki jechuun Rabbii tokkicha wajjin waan biraa qindeessuu, isa waliin ibaadaa keessatti dabalanii gabbaruu, gabbartii Rabbiin qofaaf malu keessatti kan biraa hirmaachisuu dha.

Shirkiin bakka meeqatti qoodama ?

SHIRKIIN bakka gurguddaa lamatti qoodamti..

Isaanis:-
1- Shirkii Guddoo fi
2- Shirkii Xiqqoo.

1⃣ Shirkii Guddoo || الشرك الأكبر

Shirkiin guddoon ibaadaa rabbii keessatti Isatti qindeessitee waa gabbaruu dha ykn waan rabbiin malee jiru gabbaruu dha.

Fkn Shirkii gurguddoo.

Taabota, siidaafii soodduu, ji’aafii urjii, tulluufii Malkaa, qabrii gabbaruu dha.

Rabbiin malee waan biraa ka waan san irratti dandeettii hin qabne irraa birmannaa barbaadu, Nama du’e/waliyyoota waamatu, Qabrii gabbaruu, isaanitti qarqaarsifatuu dha.

Murtiin Shirkii Guddoo maali?

“إِنَّ اللَّهَ لَا يَغْفِرُ أَن يُشْرَكَ بِهِ وَيَغْفِرُ مَا دُونَ ذَٰلِكَ لِمَن يَشَاءُ”
[سورة النساء: 48]
Rabbiin nama waa Isatti qindeesseef hin araaramuu, waan Shirkii malee jiru abbaa fedhee ni araarama.
[Suuraa Nisaa’aa 48]
————————————————————————————

Namni Shirkii guddoo dalage hin kafara Islaamummaa keessaa baha, Shirkii Guddoo rabbiin namaaf hin araaramuu haga gabrichi towbaa qulqulluu taate towbatutti malee.

2⃣ Shirkii Xiqqoo || الشرك الأصغر

Shirkiin xiqqoon gama shirkii guddootti nama geessiti garuu Islaamummaa keessaa Nama hin baastu.

قال النبي ﷺ:
“إِنَّ أَخْوَفَ مَا أَخَافُ عَلَيْكُمُ الشِّرْكُ الأَصْغَرُ”، قَالُوا: وَمَا الشِّرْكُ الأَصْغَرُ؟ قَالَ: الرِّيَاءُ”
[رواه أحمد]
Ergamaan rabbii ﷺ akkana jedhan ” Ani wanni isin irratti sodaadhu Shirkii xiqqoo dha, Shirkii xiqqoon na argaa dha
[Ahmadduu Gabaase]

Fkn Shirkii xixiqqoo

Rabbiin malee waan biraatiin kakatuu. Fkn Nabiyyiin kakatuu, ka’abaan kakatuu, Qabriin kakatuu, haadhaaf abbaan kakatuu.

Waan akka Asmaa, Qubee, Callee, hidhatuu dha waa narraa deebisti ykn keeyrii naa fiddi jedhani.

Murtiin Shirkii xixiqqoo maali ?

Islaamummaa keessaa Nama hin baastu, maqaa isiittuu xiqqoo jedhamee malee zanbii gurguddaa ni caalati, Shirkiin xiqqoon gama Shirkii guddaatti Nama geessiti.

Shirkiin Dhokattuun hoo maali ??

Shirkiin dhokattuun gosa Shirkii xixiqqoo tatee wanni isii addaa godhu isiin tuni namarraa hin mul’attu osoo hin beekin namni keessatti kufuu dandaha.

Fkn Shirkii dhokattuu.

Salaata, Sooma, Sadaqaa, ibaadaa kamuu haa tahuu akka namni bira argee isa dinqisiifatuuf isa haa arganiif ykn dhagahaniif dalaguu dha.

Shirkii Irraa akkamitti of eeguun dandeenna ?

1- Towhiida baratuun, Aqiidaa Sahiiha karaa salafni Saalihni irratti jiraata qabatuun.

2-Iklaasa qabaachuun, ibaadaa dalaynu kamuu Rabbiif qofa dalaguun.

3- Niyyaa ofii tolchuun, rabbiin qofa jaalachiisuuf dalaguu.

4- Garee firqaawwan Kuraafaataa, warra bid’aa warra gama shirkiitti nama waaman irraa fagaatuun.

“فَمَن كَانَ يَرْجُو لِقَاءَ رَبِّهِ فَلْيَعْمَلْ عَمَلًا صَالِحًا وَلَا يُشْرِكْ بِعِبَادَةِ رَبِّهِ أَحَدًا”
[الكهف: 111]
Namni rabbii isaatiin wal qunnamuu hajamee dalagaa gaarii haa dalaguu, gabbartii rabbii keessatti akka waa hin qindeessine
————————————————————————————

Waan dubbistaniif galatoomaa obboleeyyan keessaniif Share gochuu hin irraanfatinaa

✍🏼 Fares Muhammed

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *