Iraan irraa biyyoonni Sunnii maal barachuu qabu?, Kutaa 2ffaa
Kutaa jalqabaa barreeffama kanaa keessatti, birmadummaan dhugaa kan mirkanaa’u kuufama maallaqaatiin osoo hin taane, fo’aa hirkattummaa kutanii miila ofii irratti dhaabbachuu yoo danda’ame qofa akka ta’e bal’inaan ilaallee turre.
Kanaanis Iraan bitachuu mannaa hojjechuun, hirkattummaa irra ammoo abbaa ogummaa ta’uun murteessaa ta’uu isaa akkamitti hojiin akka agarsiifte hubanneerra. Keessattuu, teeknooloojiiwwan adda addaa irratti ilaalcha hirkattummaa “kan Dhihaa yoo hin taane hin hojjetu” jedhu fashaleessuun, teeknooloojiifi amantaa qindoominaan deemsisuun bu’aa akkamii akka galmeessifte agarsiifteetti.
Muuxannoo kana irraa hawaasni keenya barumsi guddaan fudhatu, damee hunda irratti dhaabbata ijaaruu danda’an uumuun of danda’uun murteessaa ta’uu isaati. Jabinni biyyaafi dhalootaa carraaqqii ofiitiin humna dhaabbata birmaduu ijaaramuun qofaan akka mirkanaa’u agarsiifteetti. Kutaa kana keessatti immoo, Iraaniifi Sa’udii Arabiyaa irratti xiyyeeffachuun, dandeettii keessoo ijaarrame gara dhibbaa alaa fi caalmaya tarsiimootti jijjiiruun akkamitti akka danda’amu bal’inaan ni xiinxalla. Ergaan kun namoota baay’ee bira akka ga’uuf share fi like gochuun, fuula kana hordofuun (follow), yaada keessan barreeffamicha irratti kennuun gahee keessan ba’aa. Dubbisa gaarii.
Narratiivii Siivilaayizeeshinii fi Ijaarsa Humna Bakka-bu’ummaa
Bakka bu’ummaa ji’oo-poolitikaa baay’ee jijjiiramaa jiru kana irratti, garaagarummaan bu’uuraa Iraan fi biyyoota Arabaa-Sunnii hedduu gidduu jiru “ogummaa tarsiimoo dandeettii keessoo gara dhibbaa alaatti jijjiiruudha”. Xiinxala ji’oo-poolitikaa keessatti, humni daangaa keessatti qofa daangeffame “humna booji’amee” (hostage power) dha.
Humni guutuu kan ta’uufi hiika kan horatu yoo dandeettii keessoo irra darbee gara dhibbaa qabatamaatti (Power Projection)jijjiirame qofadha. Dhibbaa akkasii malee, biyyi ykn hawaasni tokko galaana obomboleettiin weerarame keessatti akka “odola” jabaattuu garuu kophaa taateetti hafti; odolli immoo obomboleessa galaana irraa ka’uuf to’attu osoo hin taane, meeshaa ittiin taphatamu ta’uun ishee dhugaa seenaa hin oolledha.
Iraan dhugaa bu’uuraa tokko dursee kan hubatte; jabinni biyya keessatti ijaarame jalqaba imalaa malee bakka ga’umsaa akka hin taanedha. Iraan safartuun humna dhugaa “dandeettii cufamaa” daangaa keessatti hidhame osoo hin taane, dandeettii daangaa olitti wantoota mudatan jijjiiruu, to’achuu fi itti fufiinsa isaanii qaroomaan bocuu akka ta’e sochiilee ishee irraa hubachuun ni danda’ama.
Qaroomina Biraandii fi “Faallessa Tarsiimoo” Sa’uudii Arabiyaa.
Branding Siivilaayizeeshinii (Civilizational Branding) jechuun qabeenya seenaa, aadaa fi hafuuraa hawaasa tokkoo ijaarsa dhibbaa dippiloomaasiitiif (Soft Power) ogummaa itti fayyadamuu tarsiimooti. Adeemsi kun qabeenya seenaa yaadachuu qofa osoo hin taane, fageenya addunyaa irratti abbummaa narratiivii (Narrative) keenyaa mirkaneessuun, dhaga’amummaa namoota biroo biratti qabnu bocuudha. Gabaabumatti, Branding Siivilaayizeeshinii dandeettii seenaa kan “cufamaa” ta’e gara “faayidaa biyyaalessaa” fi “caalmaya tarsiimoo addunyaatti” jijjiiruudha.
Sa’udii Arabiyaan bakkeewwan qulqulluu Makkaafi Madiinaa of keessaa qabduun, hawaasa Muslimaa addunyaatiif qopheessituu branding siivilaayizeeshinii hangafa ta’uun dhibbaa ishee bal’inaan babal’isuuf carraa guddaa uumamaafi seenaa qabdi turte. Ta’us, biyyattiin handhuura siivilaayizeeshinii (Epicenter) kana gara caalmaya tarsiimootti jijjiiruu mannaa, hafuura “tajaajila kennummaa” qofa irratti daangeffamtee hafteetti.
Kanas kanneen armaan gadiitiin caallaatti ifa gochuun ni danda’ama:
A) Hogganummaa Narratiivii Keessummeessuu olitti
Waggaa waggaatti Muslimoonni miliyoonaan lakkaa’waman Haajjii fi Umraadhaaf gara bakkeewwan qulqulluu dhufanis, Sa’udiin carraa kana hogganummaa moraalii addunyaatti itti agarsiistu osoo hin taane, maddii galii fi bakka ijaarsa gamoo gurguddaa itti agarsiiftu gooteetti.
Fakkeenyaaf, magaalaa Vaatikaan yoo ilaalte, Sa’udii waliin wal bira qabamnaan bal’inni lafaafi qabeenyi ishee baay’ee xiqqaadha; garuu narratiivii Kaatolikii addunyaa hogganuufi dhimmoota moraalii addunyaa irratti sagalee murteessituu ta’uun angafa. Sa’udiin garuu miliyoononni qaamaan lafa ishee irratti argamanis, gama hafuuraafi narratiivii siivilaayizeeshiniitiin Muslima addunyaa kan ittiin gaggeessitu “koompaasii” ta’uu hin dandeenye.
B) Waamicha Tarsiimoo osoo hin taane walitti qabinsa yeroo:
Sa’udiin biyyoota michuota ishee kan yaadattu mul’ata waloo irratti hundaa’ee osoo hin taane, balaan tasaa yoo uumame deebii kennuuf (Crisis Management) ykn qaama tokko irratti dhibbaa gochuu yoo barbaadde qofadha. Fakkeenyaaf, bara 2017 Kaataar irratti dhibbaa dippiloomaasiifi diinagdee gochuun ishee akkaataa isheen humna ishee itti fayyadamtuuf agarsiiftuu gaariidha.
Dhibbaan sun walii galtee fi hidhata siivilaayizeeshinii irratti osoo hin taane, “yoo akka keenya ta’uu baatte si adabna” kan jedhu “dippiloomaasii ajajaa” (Transactional Diplomacy) irratti hundaa’e ture. Kunis biyyoonni naannoo ishee jiran jaalalaan osoo hin taane sodaafi faayidaa qofaan akka hordofan godheera.
C) Adeemsa Deebii-kennummaa (Reactive):
Yeroo finciltoonni Huutii magaalaa guddoo Yeeman to’atan, tarkaanfiin waraanaa hogganummaa Sa’udiitiin fudhatame dhugaa uumameef deebii kennuu irratti kan hundaa’e ture.
Adeemsi deebii kennuu yeroo hunda hordofaa malee hogganaa nama hin taasisu. Kanaan kan ka’e, waraanni Sa’udiin hogganamu Huutii kuffisee mootummaa Yeeman bakka bu’uu dadhabuun, dhumarratti Huutii waliin mariitti galuuf dirqameera. Kunis Huutiin humna naannoo sanaa sodaachisu ta’ee akka ba’u godheera.
Miidiyaa kessattis, miidiyaaleen Sa’udii (fakkeenyaaf Al-Arabiya) narratiivii siivilaayizeeshinii uumuu mannaa, dhibbaa warri kaan uuman ittisuu ykn fashaleessuu irratti qofaa hojjetu.
Miidiyaan Kaataar Al-Jazeera waggaa 15 dura “Finciila Arabaa” (Arab Spring) hogganuun dandeettii addunyaa irratti ajandaa bocuu yoo ijaarratu, miidiyaaleen Sa’udii garuu ammas murtee masaraa mootummaa lallabuu fi mormitootaaf deebii kennuu irraa hin dabarre.
D) Caasaa Piraamidii fi Shabaaka Dhibbaa:
Sa’udiin humna ishee masaraa mootummaafi maatii moototaa qofa keessatti kuustee qabatti; kunis caasaa “Piraamidii” olirraa gara gaditti bal’atudha. Caasaan kun qaamni olirraa jiru osoo hin socho’in hawaasni gadii akka socho’u hin hayyamu. Iraan humna ishee shabaaka hawaasummaa (Networks) keessatti facaasuun Giddu-galeessa Bahaatti fo’aa jabaa yoo uumtu, Sa’udiin garuu dhibbaa ishee deeggarsa mootummaafi maallaqa qofaan babal’ifti. Maallaqni yoo dhaabbate, dhibbaan ishees waliin dhaabbata.
Kunis biyyattiin qabeenya ishee gara “humna hin socho’ne” (Fixed Power) akka hin jijjiirre gufuu guddaa ta’eera.
Muuxannoon Sa’udii kun kan nu barsiisu, abbaa bakkeewwan seenaafi amantaa ta’uun qofti caalmaya siivilaayizeeshiniitiif ga’aa akka hin taanedha. Humni hundee hawaasummaafi dhaabbataa qabaatee gara “Narratiivii” tti yoo hin jijjiiramne, akka warqee saanduqa keessa jiruu abbaa isaa “sooressa” jechisiisus, gabaa (poolitikaa addunyaa) irratti garuu humna bituu hin qabaatu.
“Fo’aa Jabinaa” Iraan fi Faca’iinsa Humna Bakka-bu’ummaa
Iraan dhugaa bu’uuraa tokko dursee kan hubatte; jabinni biyya keessatti ijaarame jalqaba imalaa malee bakka ga’umsaa akka hin taanedha. Kanaan kan ka’e, humna ishee dallaa masaraa mootummaa keessatti hidhuu mannaa, shabaaka hawaasummaa adda addaa fi humnoota bakka-bu’ummaa (Proxies) keessatti facaasuun “fo’aa jabinnaa” (chain of strength) ijaaruu dandeetti.
Caalmaya tarsiimoo Iraan kanneen armaan gadiitiin caallaatti ifa ta’u:
A) Ceumsa Dhaabbataa: “Odolummaa” irraa gara “Shabaakummaa” (Networking):
Iraan humna ishee akka Sa’udii caasaa piraamidiitiin osoo hin taane, akka manni rarraasoo (spider web) walitti hidhame “shabaaka dhibbaa” iያarteetti. Kunis fo’aan sun bakka tokkotti yoo citellee inni kaan akka itti fufu taasisa. Fakkeenyaaf, Libaanos keessatti Hizbollaan Iraaniif garee callee qofa miti. Inumaa, poolitikaa, tajaajila hawaasummaafi damee waraanaa Libaanos keessatti dhaabbata “akka Iraan” hundee godhatedha. Kanaan kan ka’e, Israa’il fi Ameerikaan kallattiin Iraan rukkutuun dura, humna “sarara duraa” kan of danda’ee fi gatii nama kaffalchiisu kana bira darbuun dirqama itti ta’a.
B) Teeknooloojii akka “Maallaqa Tarsiimoo” (Strategic Currency):
Iraan humnoota bakka-bu’oota isheetiif maallaqa qofa kennuu mannaa, abbaa teeknooloojii akka ta’an gochuun of akka danda’an taasifti. Kunis gidduu isaaniitti hidhata hirkattummaa osoo hin taane “michummaa tarsiimoo” uuma. Fakkeenyaaf, Yeeman keessatti Huutonni teeknooloojii diroonii fi misaayila Iraan qooddachuu isaaniitiin, har’a Galaana Diimaa irratti sochiilee daldala addunyaa raasuu bira ga’aniiru. Iraan kumaatama kiiloomeetira fagaattee yoo teessus, harki Huutonni garuu faayidaa tarsiimoo Iraaniif jecha morkattoota ishee gatii kaffalchiisaa jiru.
Ogummaan “teeknooloojii qooduun” kun Iraan kallattiin osoo hin hirmaatin diinota ishee irratti dhiibbaa akka gootu ishee dandeessiseera.
C) Amantii walii wajjin tokkoomsuuf
Iraan humna ishee faayidaa maallaqaa qofaan osoo hin taane, riiyot-aalama (ideology) hordoftoonni ishee gatii itti kaffalaniin babal’ifti. Ofii ishee akka mootummaa Islaamaa Shi’aa kan siivilaayizeeshinii Paarkiyaa waggaa kumaan lakkaa’amu itti fufsiisutti beeksifti.
Kunis fo’aan jabinnaa sun yeroo rakkoottillee akka hin laaffanne taasisa. Muslimoonni Shi’aa addunyaa keessaa dhibbeentaa 15-20% qofa yoo ta’anillee, Iraan sagalee ishee dhoksuun hordoftootaafi dhibbaa ishee babal’isaa jirti. Iraaq, Bahireen, Libaanos, Yeeman, Kuweet, Sa’udii Arabiyaa, Paakistaan, Hindii fi Afgaanistaan keessatti Muslimoonni Shi’aa hundee tarsiimoo fi dhibbaa bal’aa qabu. Hidhati hawaasota kanaa Iraan waliin qaban maallaqa irratti osoo hin taane, tokkummaa amantaafi hafuuraa irratti kan hundaa’edha.
D) Murteessaa ta’uu fi Maallaqa Baasuu
Dadhabina tarsiimoo addunyaa Sunnii kan ta’e dandeettii dhabuu osoo hin taane, qabeenya gurguddaa qaban gara faayidaa ji’oo-poolitikaa (Strategic Utility) jijjiiruu dadhabuudha. Waraana Sooriyaa keessatti biyyoonni Sunnii biiliyoonaan maallaqa dhangalaasus, waraana sana garuu Iraan humna ishee lafa irra qubsiisuun injifannoo Bashaar Al-Asaad mirkaneessiteetti. Kunis “sooressa ta’uu” fi “ulfaatina tarsiimoo qabaachuun” wantoota adda addaa ta’uu agarsiisa.
Iraanii fi Humna Sa’uudii Ija Saayinsii Dhiibbaa Ilaaluutiin
Hariiroo Idil-addunyaa keessatti “Aangoon” qabeenya kaznaa keessa jiru ykn meeshaa mana kuusaa keessa jiru osoo hin taane, dandeettii amala qooda fudhattoota biroo fi adeemsa taateewwanii irratti dhiibbaa uumuudha. Yaadni kun akka cimu sababoonni sadii jiru:
1. Garaagarummaa aangoo fi gocha gidduu jiru
Biyyi ykn ummanni tokko baay’ina ummataa, maallaqaa ykn madda aangoo kan biraa kan itti hin fayyadamne yeroo qabaatu “Potential Power” jedhama. Aangoon kun gara “Actual/Kinetic Power”tti yoo jijjiirame malee marii siyaasaaf hin fayyadu. Akkuma dhagaa socho’aa; ulfaatina qabaatus, sochii hin qabu, waan biraa dhiibuu hin danda’u.
2. Dhiibbaa Xiin-sammuu
Humna qaban naannoo minjaala sanaa qabeenya keetiif si hin kabaju, garuu dhiibbaa (ykn miidhaa) qabeenya sanatti fayyadamtee aangoo uumuudhaan faayidaa isaaniif fiduu dandeessuuf si kabaju. Aangoo kee gara dhiibbaatti yoo hin jijjiirre, akkasumas aangoo fi dhiibbaa kee bal’inaan babal’isuu fi bakka tokkotti daangeffamuu irraa fagaachuun dhiibbaa kee yoo hin agarsiifne mormitoonni kee akka balaatti si hin ilaalan. Kun ammoo sochii dippilomaasiitiif “cheekiin duwwaa” jedhamee fudhatama.
3. “Gatii Siyaasaa”
Aangoon akka maallaqaati. Akkuma maallaqni meeshaa bitachuuf itti fayyadamu qofa faayidaa kan qabu aangoonis murtoo dantaa sabaa tajaajilu murteessuuf yeroo itti fayyadamu qofa. Yoo maallaqni jijjiirramee gabaa keessatti hin fayyadamne abbaan qabeenyaa maqaan “sooressa” qabatamaan garuu “hiyyeessa” dha.
Aangoon yoo hin raabsamnee fi bu’aa hin argamsiisne, abbaa qabeenyaa isaa irratti “ba’aa jiraachuu” ta’uu malee, waltajjii addunyaa irratti gatii tokkollee hin qabu. Addunyaa tarsiimoo keessatti humni dhiibbaa hin uumne akka kuufama maallaqa alaa jijjiiramuu hin dandeenyetti; kaznaa keessatti yoo guutamellee gabaa irratti gatii hin qabu.
3. Gara Abbummaa Abbaa Biyyummaatti ce’uu
Kun garaagarummaa bu’uuraa Iraanii fi addunyaa Sunnii gidduutti arginu, filannoo tarsiimoo waltajjii seenaa irratti “abbaa qabeenyaa” ykn “kireeffataa” ta’uudha.
Dhimmi tarsiimoo guddaan nuti Habashoonni akka ummataa fi mootummaatti hubachuu qabnu, dandeettiin aangoo keessoo fi duudhaalee seenaa gara dhiibbaa alaatti jijjiiruu bu’uura milkaa’ina waliigalaa fi abbaa biyyummaa ta’uu isaati. Bilisummaan dhugaa garuu kan dhufu yeroo furtuun qaroominaa “harka dhaabbilee keenya keessa” ta’uu danda’u qofa, akkuma muuxannoo Iraan.
4. Dandeettii Tarsiimoo “Brand” Cimsuu
Tarsiimoo ijaarsa marsariitii hawaasummaa Iraan fi Qaawwa Seenaa Sa’uudii Arabiyaa akka barumsa tarsiimootti fudhachuun olaantummaa seenaa mataa keenyaa irra deebiin bocuun dirqama.
Gama kanaan, Itoophiyaan ilaalcha Islaamaatiin yoo ilaalle, fakkeenyaaf, galmeen seenaa biyyi keenya bakka jalqabaa hijraa ta’uu, Nabi Muhaammad (SAW)n “Biyya Dhugaa” jedhamtee kabajamuu, fi haqni mootii Negus hin raafamne haftee qofa miti.
Kana malees, namoonni gurguddoon akka Bilal al-Habashi, muezzin Nabiyyii (SAW) isa jalqabaa, fi Barakah-ummu Ayman, kan Nabiyyiin “haadha koo booda haadha koo” jedhee waamu, fi kan inni guddise, akkuma humna bakka bu’aa Iraan, “qabeenya qaroomina” guddaa addunyaaf dhiyeessuu qabnudha.
Duudhaaleen kunneen qabeenya tarsiimoo keenyaa kan olaantummaa naamusaa fi abbummaa seenaa Itoophiyaan waltajjii idil-addunyaa irratti mirkaneessan, gara dhiibbaa dippilomaasii qabatamaatti jijjiiramuu qabanidha.
Haa ta’u malee, dhugaan seenaa kun beekumsaa fi ol’aantummaa miidiyaatiin kan deemu yoo ta’e, akka waan wal-faallaa tarsiimoo Sa’uudii qooddachuutti ilaalama. Abbaa seenaa ta’ee osoo jiruu lafa ofii irratti “orma” jedhamee fudhatamee seeneffama birootiin hogganamuun isaa waan hin oolle.
Itiyoophiyaan qabeenya adda addaa qabdutti fayyadamtee biyya addunyaa irratti dhiibbaa uumuu qabdi. Humna mataa isaa kan kallattii hedduu qabu erga ijaaree booda gara dhiibbaa alaatti jijjiiramuu qaba. Fakkeenyaaf, gatii seenaa fi tarsiimoo teessuma lafaa biyya keenyaa gara dhiibbaa dippilomaasii hin danda’amnee fi “Influence Network” (Network of Influence) qabatamaatti jijjiiruun barbaachisaadha.
Guduunfaa
Gabaabumatti, dadhabinni tarsiimoo addunyaa Arabaa-Sunnii kan nu barsiisu, qabeenyi maallaqaa gara dhibbaa qabatamaatti yoo hin jijjiiramne gatii akka hin qabnedha. Humna keenya dallaa dhiphoo keessaa baasnee, caasaa dhaabbataa harka keenya jiruun facaasuu qabna. Branding siivilaayizeeshinii keenya kanneen akka Naajashii, Bilaal fi Ummu Ayman fa’a meeshaa “Soft Power” fi “Shabaaka Dhibbaa” gochuun birmadummaa keenya mirkaneessuu qabna. Humni yoo itti hin fayyadamin, abbaa irratti ba’aa ta’uu danda’a.Oduu akka Mana Barumsa Qaroominaatti
Oduuwwan har’a addunyaa irratti dhaga’aman, keessattuu wal-dhabdee Iraan fi Israa’il-Ameerikaa nuti akka “oduu” qofatti ilaaluu hin qabnu. Isaan kun “mana barumsa siivilaayizeeshinii” nuti irraa barachuu qabnudha.
Wantoota mudatan keessa lixnee “Akkamitti ta’e? Maaliif ta’e? Kayyoon isaanii maali? Maaltu nuuf hin himamne?” jennee xiinxaluu qabna. Yoo kana gochuu baanne hordoftoota oduu qofa taanee hafna. Odeeffannoo olitti beekumsaafi hubannoo horachuun murteessaadha.
Ilaalcha tarsiimoo Iraan kanneen barreeffama kana keessatti ibsaman irraa maal barattan? Akka uummataafi biyyaatti maal barachuu qabna?
Allaahan nagaa nuuf haa fidu. Kan har’aaf kanuma. Nagaan turaa.


